Si jaallannaa dubroo Maariyaamii,
Si waamannaa durboo Maariyaamii.
Ati haadha keenya yaa abdii nageenyaa,
Ati simboo keenya deessu Waaqa keenyaa.

Addaam bara dheeraaf... Maariyaamii,
Abdii si eeggatee... Maariyaamii.
Deebiin gabbii isaa... Maariyaamii,
Karaa kee argamee... Maariyaamii.
Dhalachuu ilmaa keen... Maariyaamii,
Inni bilisoomee... Maariyaamii.

Raajonni waa'ee kee... Maariyaamii,
Raajii dubbatanii... Maariyaamii.
Dubreen durbummaadhaan... Maariyaamii,
Ni deessi jedhanii... Maariyaamii.
Filaatamuu keetiin... Maariyaamii,
Dursaanii himanii... Maariyaamii.

Hannaafi Iyaaqeem... Maariyaamii,
Si'iin argatanii... Maariyaamii.
Umrii daa'imummaa... Maariyaamii,
Gooftaaf si laatanii... Maariyaamii.
Atis ni guddattee... Maariyaamii,
Qulqulluummaadhaanii... Maariyaamii.

Atis ni ulfoofte... Maariyaamii,
Fayyisaa addunyaa... Maariyaamii.
Kan homtuun dandeenye... Maariyaamii,
Garaa keetii baate... Maariyaamii.
Ifti dukkanaa'es... Maariyaamii,
Karaa keen bari'ee... Maariyaamii.