Maariyaam jijiirsiste kadhannaasheen wayinicha(2)

Kadhannasheen - Wayinicha/2/
Mandara qaanatti
Mana cidhichaatti
Kiristoos Gooftaani
Haadhasaa waliini
Dookimas affeeree
Bartootasas waamee

Keessummeessitoonni
Baayyee rifatanii
Waan dhumef wayniini
Saalfiin dhokatanii
Maal goona jedhanii
Baayyee dhiphataanii

Gara Dookimas deeman Keessumeessitoonni
Wayinichi dhumnaani
Gurratti hasaasanii
Dookimaas rifatunii
Maal taana jedheenii

Dhiphuu dookimaas laalte
Maariyaam dhiphatte
Gara ilmaashee deemte
Yaa ilma koo jette
Wayiniin saanii dhume
Jettee itti himtee

Ilma shee kadhatte
Rakkinasaa furte
Bishaan gaanii 6n
Wayinii jijjirraman
Warri kana argan
Baayyee raajeffatan

Dookimas gammade
Dhiphina irraanfate
Raajii Gooftaa keenyaa
Kadhanna haadha keenyaa
Sirritti hubatee
Laphee nama naate

Ijoollen Tawaahidoo
Garbonni waaqayyoo
Kan amannu nuti
Kadhannaa maariyaam
Araarsituu keenyaa