Maariyaamii maariyaam giiftiikoo (x2)
Garaa laafeetti koo,garaa laafeetti koo (X2)

Sanyii filatamtuu kan uumamaan toltee
Bilisummaa namaaf sababa kan taatte
Kanaafan sin obsu maariyaam sin jaalladha
Qara laphee kootti an sin chaappeffadha


Dubartootni jiru kan mimmiidhaganii
Garuu kan akka kee hin argineem anii
Yeroo hunda maqaa kee dagachuun danda'u
Waanti kam yoo dhufee siin bakka nan bu'uu

Ati gonfoo solomoon uumama kan caaltu
Haadhakoo si'idha anaan kan jaallatu
Galmashe bareedduu milkii kan siif taatte
Afaan saatti baase innis si faarfattee

Umuriin dheeratu kan sirratti gungummuu
Waa'eenkee haadhakoo barreeffameen dhumu
Hardhas dhalootni kee maqaa kee faarfannaa
Siin abdi godhanne gammadne jiraannaa