Waaqayyoo Tsiyooniin filateera hoo,
Bultoosaa akka taatuf jaallateera hoo.
Dubroo Maariyaamii – haadha Waaqayyooti,
Isheen bara baraaf – iddoo boqonnaati.

Dubroo Maariyaamii – haadha Waaqayyooti,
Isheen bara baraaf – iddoo boqonnaati.

Uumama addunyaa hundumaa dursitee,
Laphee Waaqayyootti yaadamte kan turtee.
Abarsaa Heewan irraa taatetoo bilisaa,
Akka doqaa iftaa cinaacha Addaam keessa.

Si gananis durbee, dhandhama kee hin baree,
Dhiifama ilma kee – karaa keen argaree.
Sababa fayyinaa, sanyii si hambisee.

Tulluu karaa bahaa – kan Waaqni filatee,
Bultoosaa leellisaa – Daawitis faarfatee.
Hin caaldhisnee Izraan – Maasenqoon faarfannaa,
Nutti dhalootadhaa – kootuu Tsiyoon jennaa.

Maariyaam, mormii ishee takkaa yoom dheeratee?
Qulqulleetti taanan – Waaqni Abbaa filaatee.
Madaa kan fayyistuu – muka Nahoomidha,
Karaa isheen fayyinee – Maariyaam Tsiloolidha.