Fayyistuu Hewaan kottu Maariyaamii
Web Master
Jul 8, 2026
F.Dn Daanyee Mokonnin
466 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Firii Hannaa kan Iyyaaqemii
Eebbifamtuu gugee koo garraamii
Si jaalannaa ijoolleen Addaamii
Baattuu ibsaa ifni sirraa argamee
Abbaan Ifreem si'in eebbifamee
Haadha Gooftaa kottu mee gara koo
Abdii dhugaa furtuu dhiphina koo
Innaa at deessee buddeena jireenyaa
Dawaa Dhugaa Fayyisaa Addunyaa
Haadha Kennaa garaa laafeetti koo
Sin dagadhu haadha gaafa rakkoo
Kan si ganan silas badaniiruu
Kennaa Gooftaa kootii hin jijjiiru
Rakkina koo sittan irraanfadhaa
Gaddisa koo mana keen boqadhaa
Yaa Maariyaam kennaan kan kee addaa
Filatamtuu Giiftii Haadha waadaa
Hin caldhisin Dubroo waa’ee keenyaa
Kadhannaa keen mirga ilma kee teenya
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu