Maariyaamiidhaafi
Yoseph Tena
May 9, 2025
1589 Views
"
Balabala cufame……………bara baraanii
Hiizqi’eel kan jedhe
Qulqulleettii dhugaa
Gonkumaa durboodha
Fakkeenya godhannee
Nutis isuma
Jaalala dhugaan ni faarfannaafi2×)
Gugee garraamiidha ……… bara baraanii
Labsituu nageenyaa
Jireenya dukkanaaf
Ifa kee nuuf ibsi
Ani sin kadhadhaa
Dubroo lubbuu kootiif
Yaa Qulqulleetii suma wabiin koo2×)
Baay’ee baay’ateera ……. bara baraanii
Jaalalli nuf qabdu
Daangaa hin qabu
Hin dubbatamu
Isheen nan gammadaa
Gammachuun taasisaa
Maqaa ishee nan faarfadhaaafii (2×)
Koottu koottu yoon jedhu……… bara baraanii
Guyyaa fi halkanii
Narraa adda hin bahinii
Naafis dhiyoodha isheen
Raajii raajii jechuun
Ni galateeffatu
Jaalala ishee ibsuuf jechatu hanqate (2×)
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu