Misiraachoo Gabri'eeltu nutti himee
Yoseph Tena
May 8, 2025
F/taa Abraham Hayilee
1725 Views
"
Gad deebi garbittisaa waaqan yaadamee
Har'a jalqabee nan jedhuu qulleetti
Jettee faarsittee Maariyaam qulqulleetti
Lubbuun koo Waaqayyoon ni galateeffatti
Ni gammaddi ayyaanni koo fayyisaan kan kootti
Maqaansaa baraan qulqulluudha jette isaaf bittamteetti
Dhiifamni isaa baay'ee dannuudha
Jabaadha Irreensaa murteessaadha
Warra of tullaanirratti inni mo'aadha danda'aadha
Warra abbaa irree teessorraa buusse
Kan beella'an arjumaasaan quubse
Sooressootas harkaa qullaatti hambisee ni leyyaasise
Garbootta Israa'elli inni simattee
Abrahamitti akkumaa dubbaattee
Kunoo naaf rawwaattee
Yeroo isaa eggattee na jaallattee