Hadhumaa Keen Hima
Yoseph Tena
May 7, 2025
F/taa Dn Hiikaa Bulti
937 Views
"
Yaa fakkaattu gugee garraami koo
Abju koo dagadhee dhugarra hin ijaajju
Kankoo kan hin taane sobni na hin ajajuu
Dhugaan sirra argamee jalala kan deesse
Mariyaam sin waama maqaa kee olkaase
Jireenya isa laatu barrUu keerratti baatte
Ilma kee iyyasuus duuka kan godaante
Keessi koo amanee waa'ee kee ni faarsa
Anis dhalootadha sichan si leellisaa
Akka abbaa eefreemi galata keen himaa
Jalala keef durbee an nan wareegama
Oduu diinaa ilaalee boodatti hin deebi'u
Tokkicha jeedheera sirraa addaan hin ba'u
Qoricha isa ta'ee barruu keerratti baatte
Ilma kee iyyasuus duuka kan godaante
Keessi koo amanee waa'ee kee nii faarsa
Anis dhalootadhaa sichan si leellisa