Kadhannaan kee waan na gargarreeffi
Barruun kee waan na guddiisseeffi
Kanan jedhuu dadabalee haadha koo
Sababaadha ati fayyinaa koo

Arjummaa beela garramummaan isaa
Mudhii koo hidhadheen jaalalaan si faarsaa
Balleessa Heewaniif Heewanin taateta
Durbummaan ulfooftee durbumaan deesseta

Kan labbooba ta'ee qaamni isaa ibiddaa
Akkamiin dandeesse kan kee hoo raajiidha
Na raajeffachisee haadhaf durbummaannii
Si keessan mul'aate addeessi dhugaannii

Buddeennaa barbaachaaf kan argamee baduu
Garaa koottif jedhee dabarsee sin ladhuu
Ati haadha kootti anisoo mucaa kee
Akka nan daganneef na qabee harkii kee

Dhugaan si jaalladha itti hirkisaaf miti
Sin ibsuu danda'ee jechii afaan koo koofti
Maqaa kee otoon waamin danda'ee olee hin bulu
Uumamaa hundummarraa sidha kan nattianu

Maqaa kee waamacha dhamdhamaa guddaadhe
Bobbaa kee jalattaan ulfinnaa argadhee
Jechaafi dubbiin nama sirraa addaan nan baassu
Dhugaan ukkamfamee sirraa nan hanqisuu

Kan mabittii gattee dagattee ofiisaa
Kan dagugee gattee ofirraa ulfinnaasaa
Kan si gannee haadha koo dhabbiitti raata'e
Garaa isaattif jechaa kan si biraa ba'ee