Haadhakoo maal jedhetan si faarsaa
Haadhakoo maal jedhen si leellisaa
Lubbuukoof riqaa ce'umsaa taateettaa
Maal jedhetan garaa si ciibsa

Halkan tuqe nakaasee Hiriban rafu keessaa
Guyyaas yaadakon hubadhu maqakeeman leellisaa
Ya haadha balaysebi maqake isa jaallatuu
Bishaan copha tokkoni gannatatti kan galchitu

Hundarraan addaan baasee bultoosaa siin godhatee
Firiin garaa keetihoo du'a hundaa balleessee
Kanaafan si jaaladha an laphe ko guutuudhaan
An si faarsaatan jiraadhaa galatakeen dubbadha

Riqaa ya'iqob argee ergamoonni yaabbatani
Utu at sanyiin nuf hin hafnee taaneerra akka sodomii
Ati balbala baha surraadhaan kan guutamtee
Lapheenkoo gaarii baasee galata kee dubbatee

Kan namatti na dabalee kadhannaakee giiftiikoo
Ijoolluummaako ilaaltee nan tuffannee harmeekoo
Hardhas dafii naaf kottuu naaf miladhu Maariyaami
Yaa badhaasaa adduynaa at fayyina Addaamii