Yaa Maariyaamii Giiftii koo
Yoseph Tena
May 7, 2025
F/taa Fayyisaa Asiraat
2093 Views
"
Kan sirraa dhalate fayyisaa namootaa,
Nagaan siif haa ta’u, yaa giiftii tolootaa. (x2)
Dubartoota keessaa, ati kan filatamtee,
Yaada Waaqayyootiin, dura jaalatamtee,
Aduun karaa bahaa, dhalootaaf mul’atee,
Kristoos Iyyesuus, dubree irraa dhalatee. (x2)
Ergamaa Gabrieel, gara keetti ergamee,
Yaa dubree, dubrummaan Ilma deessa jedhee,
Ergaa Gooftaa keenyaa, kan dhufee sitti ime,
Qulqulluu Gabri’eel, Waaqa irraa ergamee. (x2)
Ergamoonni Waaqaa, siin ni kabajatuu,
Sabni biyya lafaas, maqaa kee waammatuu,
Kan mucaa kee ta’ee, ilma Waaqayyootii,
Ulfina argatte, gammadi Maariyaam atii. (x2)