Dawoo keenya isheen haati gooftaa keenyaa*2
Kadhannaa isheetinii lafa yaanne geenya*2
dawoo keenya isheen :rakkina keessatti
isheen nama hin dhiistu
rakkoo dhala namaa
kadhaa isheen kan hiiktu
isheen dawoo keenya gargaartuu hundumaa
haadha koon siin jedha haadha kooti dhuguma
uffannaa warqeetiin dubaroon kuulamte
mirga ilma ishee dhaabbattee kunoo nuuf kadhatte
dawoo keenyasheen :lapheen koo haadha koo
oolmaa keeti dubbata
wanta ati naaf goote
akkamiin dagata
wanti hamaanillee anatti yoo dhufe
haadha koo sin ganu laphee koorraa dhufee
danda'ee hin obsu haadha koo maqaa kee
keessa koo waan jiruuf yeroo hunda oolmaan kee
dawoo keenyasheen :warri si gananii
maqaa kee dhiisanii
irrisaanii hoolaa
keessi isaanii yeeyyii
sirraa adda na baasuuf yaalii godhaniiru
narraa eegi haadha koo kan akka kee hin jiru
haasa'a Ormootadhaa tasa hin dhaggeeffadhu
haadharraa addaan bahee akkamiin jiraadhu