Maariyaam Maariyaamiin jedha
Yoseph Tena
May 9, 2025
1465 Views
"
Giiftii koo Ani siin waammadhaa
Rakkoon koo Martinuu tareeraa
Hundumtuu seenaa naaf ta'eeraa
Maariyaam Dhaloonni kee martuu
" Maqaa kee haa waaman
" Siin darbanii jiruu
" Dhigaa ilma keetin
Jaalalli kee adda maal jedhu aayyoo koo
Dhiifama naaf laattee gooftaa kadhaateetoo
Arjummaakee maraaf kennaa hin qabuu anii
Halkaniifi guyyaa sin faarfadha anii
Maariyaam addaamiif sanyiisaa
" Maariyaam haa jedhan
" Sitti hirkataniiti
" Jannataa kan argan
Dukkanni hin jiruu ifa jiruun kan koo
Eebbaa maariyaamitiin guutame keessi koo
Gammadeen burraqaa anis akka waatii
Gannata galuudhaaf ayyoon koo naaf jirti
Maariyaam Warri sitti abdatee
" Eenyutu rakkatee
" Oolee oso hin bulin
" Furmaata argatee
Qilee naa fuulduraa laalee sodaadhullee
Bidiruun koo si’i naan ka'a kufullee
Waadaa fannoo jala maariyaami jechuun
Eenyumtuu hin qaana'uu harmee si kadhachuu
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu