Badiin Addaam Ga'ee
Yoseph Tena
May 9, 2025
2072 Views
"
Gabri'eel ergamee missiraachoo himuuf
Gammadj maariyaam ayyaana qabeettii
Uumaa lafaaf samii ni baatta garaattii
Gabei'eel yoo jedhu samiirraa ergamee
Afuura qulqulluun keessi ishee guutamee
Qirqoos Iyyaaluxaa haadhaf ilmoodhaani
Bishaan danfaa gatan waaqa amannaanii
Bishaanichiis qorree hedduu gubaan sunii
Mootichi raamadha gabri'eel dhufnaanii
Naabukadanatsoor kan garaa jabaatee
Abidda keessattis yoo nuyi darbatee
Waaqa waaqataati kan nutti amannu
Isa inni dhaabef tasa hin jilbenfannuu
Waaqarraa ergamtee missiraachoo himtaa
Oduu gammachiisaa namatti dubbattaa
Ergamaa waaqayyoo koottuu Gabri'eelii
Araarsummaa keetiin gara keenya ilaalii