Otumman Haasa'u Otummaan Dubbaadhu
Waa'ee Arjummaa Kee Bulee Raajjefadhu
Bulee Raajjefadhu

Maddaa Garaa Nama Kan Namaaf Argituu
Sitti Malee Gooftaa Koo Eenyuutti Baqatu
Abbaa Sin Qixxeessu Haadha Irraas Ni Caalta
Yaa Iyeesuus Kan Kee Kan Argee Dubbaatta

Dukkanichaa Saqxee Gara Kootti Dhuftu
Isa Guyyaa Sana Keessi Koo Hin Dagatu
Si Wajjiinaan Darbee Halkaan Giddiraadha
Ati Anaf Tokkichaa Kanan Qabuus Sidha

Otumman Haasa'u Otummaan Dubbaadhu
Waa'ee Arjummaa Kee Bulee Raajjefadhu
Kan Kalleessaan Jedhu Kan Har'a Naaf Toolee
Jaalalaa Kee Argeen Gooftaa Sitti Caalee

Ba'a Narraa Kaaste Dugdii Koo Boqottuu
Muddamni Bara Hedduu Deebii Naaf Argattu
Isaan Keessatti Adduu Naaf Argittem Rakkoo
Iyyeeesuus Sittumee Naaf Ta'eem Fallaa Koo

Sittu Narraa Ifa Sinaan Cululuqee
Yaa Hangaffaa Lubaa Dhiigaa Kee Na Dhiqee
Sin Malee Hin Midhaaguu Yaa Mootii Ulfina
Sin Boqottuu Si'i Kannan Beekus Kanna