Kan akka Waaqayyoo eessatti argamaa
Web Master
Mar 2, 2025
F/taa D/n Adaanee Asraat
1347 Views
"
Ililleef gammachuun faarsinaa yaa namaa
Galanaa Ertiraa kan kutee
Mormitoota isaa kan fixee
Ceesisera innoo ijoollee isaa
Haa kabajnu malee maqaa isaa
Iyyaasuudhaaf aduu kan dhaabee
Gabaa'on irratti kan abboomee
Imimmaan ijoollee isa kan ilaaluu
Waaqaa keenya hundaa kan caaluu
Dallaa Iyyaarikoo kuffisee
Waaqotaa tolfamoo bittimsee
Yoordanosiin dhabeerra harkii isaa
Ceesiseera innoo saba isaa
Hojiin Gooftaa keenya raajiidhaa
Mee qalbiidhaan ilaalaa hubadhaa
Kan akka isa hin jiru taasumaa
Isaan haa jiraannuu yaa namaa