Abbaan akkasumatti dhugaa nun nu jaallatee
Web Master
Mar 2, 2025
465 Views
"
Ilma isa tokkichaa sanaa dabarsee inni nuuf laate
Namni isatti amanu martuu akkarratti hin murtoofne
Kuno isa kanadhahoo waadaa abbaan nuuf seenee
Ilma isaa tokkicha hin marrarsifannee
Hunduma keenyaafis inni isa nuuf keenne
Godhee isa laate furii ilmaan namaa
Karaa isa nuuf kennee inni waan hundumaa
Ilmi kuno iniin jaalladhu kuno isa kanadhaa
Hunduu isa dhaga'aa boqonaatu isadhaa
Kan ilma Waaqayyoo amanatu martuu
Murtoon guyyaa dhumaa isa hin argu homtuu
Mucaa waan jedhameef dhaaltu mirga abbaatii
Kabajaan marfamee gala boqonnaatii
Ilmi kuno iniin jaalladhu kuno isa kanadhaa
Hunduu isa dhaga'aa boqonaatu isadhaa
Abbaan ilmaa isaatti garaa itti jabaatee
Ilma isa jaallata namti kan laatee
Jaalalli akka kanaa eenyufuu hin jiru
Gooftaa taanan malee sila eenyuu nun furuu
Ilmi kuno iniin jaalladhu kuno isa kanadhaa
Hunduu isa dhaga'aa boqonaatu isadhaa
Kan isatti amanu akka baduuf mitii
Badisa ilma namaaf murteesse isa irrattii
Abbaan kan nu beeku karaa ilmaa isaadhaa
Furmanni ilma namaa Iyyeesuus qofadhaa
Ilmi kuno iniin jaalladhu kuno isa kanadhaa
Hunduu isa dhaga'aa boqonaatu isadhaa