Galataaf dhabbanne baraat lakka'amaa
Yoseph Tena
May 8, 2025
F/taa D/n Adaanee Asrat
1557 Views
"
Sirraa nun fageessu haalotni gonkummaa
Hirireerraa kunoo har'as oqubaadhaaf
Ililleen guutamnee waa’ee olmaa keetif
Kunoo jajjaabanne afuuraa keetiini
Gochaa kee himuudhaaf kaane tokkummaanni
Tellaatti hin deebinu si qabannee gooftaa
Moo’ichaan darbinaa dorsisaa diinotaa
Dagagnee bal’annee Roohoboot taanerraa
Akka jechaa keettis addunyaa guunerraa
Afaan keenya guute galanni faaruunni
Maqaa kee leelisna barummaa baraanni
Tuqee nu kakasse waa’ee kee Waaqayyoo
Kannee dhugaa bannee waa’ee qaraniyyoo
Homtuu nun dhabsisuu faarfachuu maqaa kee
Gooftaa sin lallaabna qabannee karaa kee
Rakkinaafi qorumsii sirraa addaa nun baasu
Afuuraa nuuf laatte isaa nuu jaabessuu
Baraa keenya hundaa si wajjin jiraanna
Arjummaa kee hin dhumnee dhalootat dubbanna