Maaloo naa dhaga'i uumaa koo
Web Master
Feb 27, 2025
F/taa d/n Caalaa Tuulii
2052 Views
"
Si duwwaadha naf abdiin koo
Jaalala keettu nan na dhiba
Dubbatame hin dhumu raajiidha
Ofii keetti ati dhukkubsatee
Na fayyisuuf jette dhiphatee
Gaddaafi gammachuuttis hunduu sirkaa
Hundaa gaarummaan ni taasistaa
Nutti si abdanaa yaa Waaqayyoo
Adaraa nu eegii bara rakkoo
Arjummaa keettin nu mil'adhu
Jaalala dhugaattin nu simadhu
Sagalee kee dhaga'ee yaa gooftaa
Akka ittin jiraannuf yeroo hundaa
Ati nu hin gatin yaa uumaa koo
Dhufaatii keerrat yaa Waaqa koo
Nutti si abdanna ijoolleen kee
Ati nu mil'adhu jaalalaa kee
Kan Maariyaamiin deesse inni fayyisaadha
Yaa nama hin dagatiin inni uumaadha
Ganammaa baay'atee biyya lafa irraatti
Eegumsa kee barbaanna nuttis hundaatti
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu