Foon koo lubbuu koo maalif mitaa(2)
Laguuf kadhannaa dhoorkitteeta(2)

Har’aaf bareeddee yoo gabbatee
Karaa addunyaarra deddebitee
Egaa yaa foonkoo tasa taatee(2x)

Galaa hirraanfadhee lubbuu hubee
Gooftaan na waamnan deebii dhabee
Waa’ee kabajaa narra darbee(2x)

Lakkii yaa foonkoo adabadhuu
Na salphisuufi qalbeefadhuu
Lubbuu koof jedhii sirreefadhuu(2x)

Dhugaa jallistee soba baatee
Gooftaa uumaa kee hirraanfattee
Guyyaan kee dhumee sitti dhitee(2