KAN AKKA WAAQAYYOO
Yoseph Tena
May 9, 2025
692 Views
"
Kan akka waaqayyo olaanaan eenyudhaa
Ilil jedhaa galataaf dhaabbadhaa
Galaanni Eertiraa nu duraa saaqamee
Fara’oon ni kufee galaanaan nyaatame
Dhadhaboonnis jabaachuun deemanii
Warri irrees Kunoo leeyya’ani
Galmi Iyyaarikoo inni sodaatamaan
Kunoo ni diigame kadhannaaf faarfannaan
Gara jaboonni nutti jabaatanis
Ni jabaanna waaqa keenyan nutis
Kan nutti darbame waraanni diinotaa
Nu bira tareera yoo kadhannu Gooftaa
Sillaaseedhaaf haa ta’uu galanni
Moo’ameera aangoo dhabe diinni
Galaanarra yoo deemu surraa qaba inni
Dambalii ni dhaaba aangoo isaatini
Ilmi dubroo kan nu waaqeffannuu
Jiraatadhaa baruma baraanuu