Lolli maaf natti ka’a
Web Master
Jun 1, 2026
F/taa Kuraa Haabtamuu
140 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Harkasaat na wajjinii diinni koo maaf dadhabaa
Dubbadhuu sagaleekee diinni koo haa faca’u
Kennaa kee namaa hin laadhu galanni siif haa ta’u
Fara’oon qopheessus loltoota jabaa filee
Akka ati isa caaltu aangon kee isaaf hin galle
Sodaadhus galaanicha fulduratti ilaale
Gargaarsa si kadhannaan galaanichi tarsa’e
Du’uu koo murteessanis yaadan walii galanii
Yaa’itti na baasanis cubbamtuudha jedhanii
Maqaa koo balleessanis maqaa haaran fudhadhe
Lafa isaan yaadan mitii jireenyattan butadhe
Beeka caliste malee keessa doonicha jirta
Sagalee du’aaf dhufe jireenyatti jijjirta
Hin mamu sin amana amantii kootu hir’ate
Jiraachisaa koo jirta galaanni si baqate
Maqaa haaraa naaf laatten sijalaa awwadhera
Wanta ati naafgoote hundaaf galata dhiyeessera
Sagaleen boojuu badee moo’ichatu dhaadata
Maqaa kee yeroon dhahu diinatu na baqata