Tiksee gaariin qaba
Abbaa gaariin qaba
Waa'e isaan odeessa
Jireenyi koo isaa

Bittaansaa jaalalaa
Haadhaaf abbaa caalaa
Anoo hubadheera
Harka koo ol kaaseera

[Tiksee amanamaa Abbaa jaallatama
Iddoo boqonnaa koo Iyyesuus nagaa koo]

Waa'e koof dhaanamee
Eeboon waraaname
Naaf kennee lubbuu isaa
Eenyu kan akka isaa

[Tiksee amanamaa Abbaa jaallatama
Iddoo boqonnaa koo Iyyesuus nagaa koo]

Naaf yaada hundarraa
Adda hin ba'uu isarraa
Mo'eera onnee koo
Iyyesuus mootii koo

[Tiksee amanamaa Abbaa jaallatama
Iddoo boqonnaa koo Iyyesuus nagaa koo]

Michuu tokkon qaba
Gochaasaan lallabaa
Iyyesuus jedhamaa
Fayyisaa hundumaa

[Tiksee amanamaa Abbaa jaallatama
Iddoo boqonnaa koo Iyyesuus nagaa koo]