Galataan haa marfamu masaraan buufata kee
Ejjennaan faana keetii bantiin Samii teessoon kee
Arjummaa keetiin madde ogummaan ogeessotaa
Iyyesuus maqaa gaarii tiksee balbala hoolotaa

Galaana sakattaatee garaa lafaas nii beektaa
Samii utubaa malee jabeessitee dhaabdeettaa
Ardii taakkuun safarta maddi ogummaa sibiraa
Seerota bulchiinsa kee maaltu hir'isee hiraa?

Jiraattotni samiirraa ergamoonnis raayyaanii
Sodaadhaan si faarfatu ciigoo haaraa kulanii
Ulfina Waaqummaa keef biyyi lafaat' kirkiraa
Kattaat' dadayyaa'amee galata Keef hiriiraa

Qixatti beekta hunda libsuu ija Kee tokkoonii
Wanta nu barbaachisu Soorata lubbuuf foonii
Jaalala isa xumuraa sidha kan nu jaallatee
Golgootatti arreedee funcaa du'aa kan kutee

Gonkumaa hin shallagamu turtiin bulchiinsa keeti
Barootaan haa jajamu teessoon mootummaa keeti
Aboottee harkaan qabdee addunyaa dabarsitaa
Mo'ii baraan jiraadhu Silaas maaltu siin qitaa?