Hin dukkanaa'uu abdiin koo
Web Master
Feb 27, 2025
195 Views
"
Utoon sin qabu Waaqa koo
Iddoon kufeetti hin hafuu nan ka'aa
Qabsoo jireenya sinaan mo'aa
Guyyaa dhalota koo gadee hin abaarru
Sin eegadha malee hin jaarjaruu
Fagoo fakkaattuu iyyuu daftee na qaqabdaa
Jireenya kootiifi yaada gaarii qabdaa
Addaan hin cituu lolaa diinanii sin tajaajiluun koo
Meeshaa nageenya koo maqaa kee hidhaadherraa yaa gooftaa koo
Mana koo galgalaa iddoo boqonnaa koo
Dummeessan oliitti hidhaamee yaadi koo
Wanta darbuu ilaalee anoo hin raaffamu
Midhamnii koo har'a boor itti hin fufamuu
Addaan hin cituu lolaa diinanii sin tajaajiluun koo
Meeshaa nageenya koo maqaa kee hidhaadherraa yaa gooftaa koo
Si qofaadha dhaga'aa waamicha sagalee koo
Jechaa keettu gooftaa naaf ta'ee dinaagde koo
Qilleensa keessan inni odeeffamu
Na guute qalbii koo eessumma iyyuu hin deemu
Addaan hin cituu lolaa diinanii sin tajaajiluun koo
Meeshaa nageenya koo maqaa kee hidhaadherraa yaa gooftaa koo
Akeekaan naaf ta'aa karoori harkaa keetti
Toora qajeelchitee hin dhegduu ati
Jabaatte dhabaaterraa hundeen amantii koo
Ofummaa dhama'aa guufu ka'ee dinnii koo
Addaan hin cituu lolaa diinanii sin tajaajiluun koo
Meeshaa nageenya koo maqaa kee hidhaadherraa yaa gooftaa koo