Qabaadheef miti humna cima
Jireenyi kan koo sitti waamama
Anaaf bareechii jecha arrabaa koo
Nafaana yoo taate ni tola dhumni koo

Biyya lafarratti ulfinaa kee
Akka dubatamuuf tolumaan kee
Akka Iyoob obsa amaantii guutu
Deemsa koo bareechi dubbii kee haa dubbatu (2x)

Silaa yoona an akkaman ta’a
Otoon sin qabaanne an maalan ta’a
Ofiikoof of oolchuuf yoon dhabe ogummaa
Ija abbummaa kee na dhiisne gonkumaa (2x)

Na gatuuf kan turan hin taane yaannisani
Dhugaa koo dhoksuuf fakkeessan sobaani
Sobni mooti taate yoo awwaalte dhugaa
Olmaan waaqakoo tasa hinqabu daangaa (2x)