Eeyyee
Oolmaa keeti too naaf baay'atee

Na umtee turtee Jannatatti
Aangoo kennite hundaa irratti
Wanta naaf maalu hunda uumtee
Kennaa afuuraa natti uwwistee
Wanta naaf maalu hunda uumtee
Kennaa afuuraa natti uwwistee

Seera kee eeguun natti ulfaatee
Firii balasii nyaadhe kutee
Qulaatti haafuu koo nin hubadhee
Si jalaan sokkee baala Uffadhee
Qulaatti haafuu koo nin hubadhee
Si jalaan sokkee baala Uffadhee

Eeyyee
Oolmaa keetti too naaf baay'atee

Waadaa naaf galtee na fayyisuuf
Iddoo jalqabaatti na deebisuuf
Durbee Maariyaamiis ni filaate
Fooniifi lubbuu isheerra hirmaattee
Durbee Maariyaam irraa dhalattee
Suuta akka namaatti guddattee

Qayyaafaa faana himatamtee
Uumaama keetiin giddirfamtee
Reebichaan lafeen kee mul'atee
Dhiiga kee nuuf jecha lolaastee
Reebichaan lafeen kee mul'atee
Dhiiga kee nuuf jecha lolastee

Ba'aa koo gateettiti baatee
Qaraniyoottis ni imaltee
Fannoo mukaarratti fannifamtee
Du'uu keen jireenya nuuf laate
Fannoo mukaarratti fannifamtee
Du'uu keen fayyina nuuf laate

Eeyyee
Oolmaa keetti too naaf baay'atee