Fayyisaa(2) Addunyaa Mootiin moototaa
Dorgomaa hin qabu baraan jiraata
*
Jirma wayiiniiti....Fayyisaa Addunyaa
Nyaata jireenyaatu....
Barsiisaa dhugaati......
Ifa Addunyaati....
*
Ka’umsaaf jireenya....Fayyisaa Addunyaa
Jaalalaaf mageenya.....
Abbaa Abbaa caalu.....
Maqaa maqaa caalu.....
*
Hangafa lubootaa...... Fayyisaa Addunyaa
Balbala Hoolotaa.....
Tiksee dhugaa gaarii...
Urjiidha kan barii.....
*
Waaqa waaqoliiti..... Fayyisaa Addunyaa
Uumaa uumamaati....
Hunda danda’aadha....
Alfaa oomeeggaadha....