Fayyisaa kankoo /Dagachiisakoo/2
Akka abjuu darbe kaleessikoo
Si'in Gooftaa Koo

Huccuunkoo moofaa addaate
Hiiktee bilisaa na baaste
Garbicha tolaa ta’eera
Sin tajaajilaa jiraadha
Coba imimmaani kan qabe
Ijji koo ililleen golboobe
Riqicha Barruusaan ga'e
Gaarri hurufa naaf ta’e

Ijakoo golge baduurraa
Irreekoo harkasan qabeera
Dambaliin Narraa kufeera
Daangaan saas nat mull'ateraa
Nagaatu rooba naannoo koo
Boqonnaa ta’ee Gooftaankoo
Kan naaf eebbiste eebbakoo
Jijjiirame seenaankoo

Ifti kee mo'ee dukkana
Lapheekoof ta'e gaachana
jaalalli kankee na mo'eera
Karaan keetis naaf ta’eera
Kan dhaabbatesi fufeera
Diphuun du'asaan cabeera
Kan Gooftaa ta'ee maal dhabaa?
Hundaa maqaasaan qaqqaba

Akka Koo eenyuuf obseera
Dhiifama natti uffiseera
Kan naaf hin malle taasisee
Golgee anan na ceesise
Gaariidha anaaf gaariidha
Ayyaanni isaa na hirpha
Du'e yoon jedhu na tiksee
Jiruu naaf kenne miidhagsee!