Dhiigaan bitaamnerra
Yoseph Tena
May 8, 2025
F/taa D/N Gammachu Taammiru
1946 Views
"
Waadaa bara hedduu isaan rawwaterraa
Lubbuun keenyas deebitte fannoodhan fayyamtee
Kan dheebotee turtee isaan dheebbuu battee
Qulqullummaan keenya cubbuutti lakkaa'amee
Balballi si'ooli nu nyaachuuf bannamee
Dhiigni Kiristoosii nu qabarraa daffee
Jireenyaf hiriiree dutti keenya in hafee
Hoolaa qaraniyyoo mootii bara baraa
Caaphaan torbaniyyuu isaan hiikamerraa
Amanaa ormonnii hoolichaa qalamee
Ilmaan Addaam hundii isaan kabajamee
Iyyesuusiin wamaa warri amantanii
Maqaa maqaa caaluu dhaloonni argatannii
Dinni ni jeeqamee maqichaa waamnanii
Fayyuun mucaa nama gooftaan hundofannanii
Fayyisuu Kiristoos waarrii dhandhamanee
Fooniifi dhiigaa isaan kan ittin miidhagnee
Afuuraan bittamnee abiddaa uffannee
Yeedallo sammiittin galataaf dhaabannee
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu