Maaloo yaa Waaqayyoo uumaa keenya
Web Master
Feb 27, 2025
F/ttuu Warqinesh Asfaw
150 Views
"
Fayyuu didem kunoo madaan keenyaa
Galaanichi cubbuu dide guutee
Ijoolee kee hedduu galafatee
Akka dhala abbaa hin qabnee banee galuu dadhabnee
Miidhaa nutti baay’atee nama itti himannus dhabnee
Iyyichii dhiigaa Naabutee kunoo har’asoo hamaatee
Furmataa isaa wallaallee martinuu sitti wawwaatee
Madaan kee illee osoo hin qoriin inni nuuf waranamee
Sabni jireenya latteef garmalee warreegamee
Heroorsiin garaa jabaate dhiigaa Israa’eel lolaasse
Daa’iman badii hin beekne kumaatamaa ol ajjeese
Isa kam maqaa dhofnaa walliinsaa wallaalamee
Qore dhoqee keessattin daandiin hundii diriirfamee
Nutti dukkanaa’ee malee sifoo ifadha yaa gooftaa
Murtoo kee ladhuu dafiiti hangaa yoomitti caaldhista
Yaa Waaqayyoo abbaa dhugaa daandii keenya haaressi
Irreen kee hundaa sirreessa aangoo kee nuuf mul’issi
Hin caaldhiisin maaliif dhofna otoo ati nuuf duutee jirtu
Haa ga’uu barri gaddaa koo kan kee nuu taasisi kottu
Kottu kottu yaa Waaqayyoo ariifadhuu
Sabaa kee gargar facaa’e sassabadhuu
Warra du’eef mootummaa kee nuuf dhalchisii
Kan hafaniif jabina kee nuu badhaasii
Xoofoo badiif babaldhate nurraa dhaamsii
Nuttis gara jireenya keetti nuu ceesisii
Maaraanaataa jennee jirra dafii nuu kottu gooftaa
Maaraanaataa jenne jirra dafii nuu kottu gooftaa