Mul'ata ifee ba'u
Web Master
Feb 23, 2025
F/ttuu Yeroom Mekonnin
843 Views
"
Kaayyoo dhugaan qabaa galaa kan naaf ta'u
Gooftaa laphee koorraa kanan si waaqessu
Amaneen dubbadha Hoomtuu Nan dangessu
Sirraa kan argamee si malee hin jiraatu
Eebbaan kan siin dhufe abaarsi hin argatu
Beenyaa hin dubbatamne gatii narraa qabda
Ija koon argeera fayyisuun kee adda
Argadhee sin gannee dhabee sin yaadanne
Kanan qabuu siidha an orma hin barbaadne
Bu'an koo hin dursu galata kee malee
Maqaa keen olkaase dhugaa kee hin awwaalle
Of ta'een si faarsa akka fedha keetti
Jecha ergisaa fuudhee dhiibbaa namaan miti
Sodaaf jedhee hin kufu jilbi koo jabaadha
Cirracharraa miti utubaan koo siidha
Lama hin dubbadhu ta'ee nama lama
Fakkeessaa hin bulu anoo jijjiirama
Tokkicha dubbiin koo tokkichan waaqessa
Lamummaa koorrattis Maqaa keen moosisa