Sitti waamameraa maqaa biraa hin qabu
Web Master
Mar 11, 2025
F/taa d/n Pheexiroos Abbabee
924 Views
"
Riibuun koos jabaadhaa taasa hin dadhabuu
Burqaan jireenya koo afuuri koo sidhaa
Yaa gooftaa maqaan kee kattaa jiraatadhaa
Bakka qopheessite erga na simattee
Dhiigaa kee lollastee bilisaa na baastee
Si hirkadheen fayyaaf kennaa koo ganamaa
Hangaaffa lubbaadha ati mootii hundumaa
Mooticha Yihuuda du'a kan ajjeestee
Yaa Iyyeesuus ati simboo koo naaf taatee
Akeekni koo guddaan maqaa kee mul'isuu
Mootummaa kee eenyuu nan hir'isuu
Mootumaa kee irraas eenyuu nan hir'isuu
Hidda koo keessatti dhiigaa kee mul'atee
Beenyaa guddaadhanii situ na bitatee
Addunyaa keessatti ulfina argachuuraa
Fannoo kee baatadhe siif adda baheeraa
Sitti waamameraa maqaa biraa hin qabu
Riibuun koos jabaadhaa taasa hin dadhabuu
Burqaan jireenya koo afuuri koo sidhaa
Yaa gooftaa maqaan kee kattaa jiraatadhaa
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu