Geenyeef miti
Web Master
Mar 3, 2025
1398 Views
"
Hulaa dhabbannee fagootu jiraa
Waadaan dagatuu nama hin tuffatuu
Sin haa faarfatuu addunyaan martuu
Yoo ilaalamne ulaagaa hin guutnu
Maqaa keen galmaa hin hanqannuu
Si wajjiin deemne simboo arganee
Kanaaf faarfannaa maqaa kee waamne
Kan goone taree nutin dagannaa
Sichis kan dhufuu abdiin eegnaa
Siif amanamnee goodoo galeera
Kanaaf dhabbannee waltajjii keera
Ajaajan miti ati waan gootuu
Gooftummaa qabda waan hunda irrattuu
Ta'ee jechaa keen hundaa raawattee
Nama adda goote bifa keen uumte
Yoomu waamamne nama akkamitti
Eenyuu iyyuu hin beeku kun feedha keeti
Oolmaa kee kan maaliin deebisna
Waa'ee gochaa kee deemne labsina
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu