Ulfinaa Waaqayyoo
Yoseph Tena
May 9, 2025
2164 Views
"
Amma reefuun ba'ee dukaanicha keessaa
Yaanni koos deebi'ee eenyummaa koos barree
Karaan jireenya koo wangeelaan diriiree
Gaamana dhaabbadhee biyya badiisatti
Gamaatan ilaalee qaraaniyoorratti
Hoolicha waaqayyoo isa tsi'oon gubaa
Abaarsi seexannaa kanaf nurra darbaa
Ajaa'ibsifaadhee seena eenyummaa koo
Galaana yoordanoos biyyii dhaloota koo
Afuura qulqulluu jedhama lammiin koo
Iyyesuus kiristoos kayyoon jireenya koo
Isa jaalladheef miti isaa na jaallatee
Jireenya isaa hin dhumnee jedhee na filatee
Jaalalasaa argee qaraaniyorratti
Boqinnaan argadhee fannoosaa jalatti