Iyyesuus Ati Anaaf Marartee Koo
Iyyesuus ati anaaf marartee koo,
Humna koo galgalaa moogolee koo.
Jaalalaa keen hiddameen kulkulfaadhaa,
Hin sobuum laphee koo irraa fudhadheen si jaalladhaa.
Maqaan dangaa malee ol ol taasifamee,
Sagalee addunyaan ittiin ijaaramee.
Si ta’uu bareerraa amaneen fudhadhee,
Si fayyuun koo haqaa hundaaffan dubbaadhe.
(2x)
Duute si nyaadheen fayyee nan rafaa,
Katee na kastee ati naaf hangafaa.
Kakaadhe hirmiidhaa keessa hin deebi’u,
Si ganee sichii ormaaf hin ta’uu.
Fakkeessadhaaf miti ani itti hirkisaffii,
Keessatti keessadha ati addaam anaafii.
Tokkichii onnee koo gooftaa si jaallatee,
Dheephoo isaa dhiiguudhan sittu bararfate.
Otoo si yakkuus ati na jaallataa,
Maqaa koo moofaas haaressitettaa.
Sichaan laalisaa eebbaan na qabdee,
Na dhuunfaattetta sittaan baqadhee.
Sittu na guddisee biraa abbaa hin qabuu,
Garaadhaaf si ganees an hiribaa hin dhabuu.
Hin ga’uu tasaa si’iif galanni koo,
Sifaan dhangalasaa ani sif lubbuu koo.
Diraa madooftee sin bararamee,
Cinaachi kan kees naaf waraanamee.
Boqonnaa argadhee qomaa kee irraati,
Qoreen mataa kee naaf gonfoo kooti.
Elelaa mormaadha dhaala koo isa dhuunfaa,
Gatiin kee hin bahuu ana irraati hafaa.
Mana koo ijaaruuf anaaf dhabdee manaa,
Boo’ees hoo nan bahuu kan kee nan tirqanaa.
Otoo si yakkuus ati na jaallataa,
Maqaa koo moofaas haaressitettaa.
Sichaan laalisaa eebbaan na qabdee,
Na dhuunfaattetta sittaan baqadhee.