Ol na qabi atii
Web Master
Jul 8, 2026
F/taa Masaay Geetaachoo
486 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Waa'ee koo gooftaa sumattan dhiisee
Hunda dandeessaa Elshaadayi ati
Anoo kufeeraa ol na qabi atii
Maqaa Kee faarsuuf akkan dhaabbadhuu
Oolmaa naaf ooltee akkan dubbadhuu
Jabeessii dhaabii jilba koo gooftaa
Siifan dhiyeessaa aarsaa galata
Mana kee keessattii na tikfadhu
Hojii Afuuratti akkan jiraadhuu
Dubbachuun fedha oolmaa Kee gooftaa
Isa naaf ooltee guyyaa Jimaataa
Na jiraachiseem arjjumman kan Kee
Dubbadheen fixuu gooftaa oolmaa Kee
Na gargaareraa humni kee gooftaa
Kan si waammatuu baraanii jiraataa
Ijji Kee gooftaa gara Koo laalaa
Kan na gargaaruu hin qabu sin ala
Fayyisaa lubbuu koo si waameraa
Maqaa Kee waamee anoo fayyeeraa
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu