Jaalalaan situ na waamee
Iyyesuus sittan amanee
Mararteen jaalala keetii
Haa haa laphee koorratti

Jireenyaaf tolaa mijaawaa
Sagaleen kee ni mi'aawaa
Dhandhamee si wajjiin bahee
Ormatti hin baru deebi'ee
An deemnaan na wajjiin deemtee
An joorraan na wajjiin joortee
Madaa keetu jiraam dura koo
Kan hin dagannee garaan koo

Lubbuu koof taate soorataa
Sittan amane kaa gooftaa
Naaf taateem karaan ol seenuu
Sichis kan biraa hin amanuu
Andeemnaan....

Jechi afaan kee abbaa koo
Na booji'eeram gooftaa koo
Mudaa hin qabuum daandiin kee
Na marare kaa maqaan kee
An deemnaan...

Gaarummaan ati naaf qabdu
Yoomillee na keessaa hin badu
Hin quufum si mararfadhee
Dawoo koo sittan boqodhee
An deemnaan...