Iddoo buufata kee sodaadhanan dhufa
Dhaga’i kadhannaa koo yaa Waaqa siif ifa
Iddoo aarsaa keetii yemmuun jilbiiffadhu
Biyyoo saan arraaba Gooftaa na mil'adhu

Ganama sursuraa akkuma sinbiraa
Ganamasoo barii nan dhufaa sibira
Yaa Waaqa raajotaa na mil'adhu anani
Jireenyi hin argamu sirraa fagaannani

Foolii ixaanaa kee yemmuu itti aarsani
Foonii fi dhiiga kee yemmuu dhiyeessani
Namoonni sodaadhan yemmuu fudhatanii
Boo’ichat na qaba ittiin dhaabbatanii

Dhaadannoo koo jabaa kanan ittin boonu
Ililleen na guuta galma kee yoon seenu
Oolmaa keetan hima qooqa koo olkaasee
Sagadeen faarfadha weedduun si leellisee