Ani dhiiseerraa bo'iichaa koo
Yoseph Tena
May 8, 2025
683 Views
"
Naaf qoreerraa imimmaan koo
Abbaa koo waamee ani waaqa koo
Furmaata argatee jireenyi koo.
Dhukkubsaadhe fira dhabee gaafan gaddee
Yoommun bo'uu jireenya koof abdii dhabee
Deebiin naaf dhufee waaqa bira
Innis nan jedhee sifan jira.
Natti seequ naanna'anii diinonni koo
Hiyyuumma koo ilaalannii qofummaa koo
Sinaan fara'ee nan gammadee
Tarree hiriyaa koo nan dhaabbadhee
Dhabbuus argadhuus hin deebi'u an boodatti
Olmaan gooftaa guutumma koo boojjittettti
Ati caal jedhii mormituu koo
Eebbaa naaf qaba Waaqayyoon koo
Harkan keennu an hin bo'uu si'achitti
Kana booda jireenyi koo moo'ichatti
Yeroon kunis kan gooftaatti
Araarii kan isa naaf baay'atte
Irreen gooftaa koo naaf diriirte