Suuraan koo taasa sin malee hin miidhaguu
Abbaa akka kee taasumaa eessan arguu
Mudaan qabuu erga ani sitti amanee
Iyyeesuus jedhee taasumaa hin leeyyoofnee

Dhabbattee qaraniyyoorraa lubbuu koo kalawattee
Jaalalaa dangaan qabneen ati kan naa firoomfattee
Ano sittan amanaa laphee koo boojiteettaa
Bakkan kufee abbaa koo dhuftee ol na qabdeettaa

Simboo kooti ati Iyyeesuus si waliin naan bareedaa
Yaa doqaa mormaa kootii suuraa koo sin jaalladhaa
Akkan si dhiisuuf miti kanan sitti firoomee
Mucummaa kootii kaase obdii keettan gaatamee

Sidhaam too'ataan koo mootichi lubbuu kootti
Dhiigni kee na miidhagsee na baase garbumaatii
Utuun si raajjeeffadhuu gochaa isaa kaleessaa
Har'aas qooqa koo saqxee gaarummaa keen oddeessaa

Qaaraniyootan si argee situu baate ba'aa koo
Fuulli kee dhiigaa uffaannaan caalaqisee fuuli koo
Jaalala dangaa hin qabnee sirrattan argeem gooftaa
Ano obsaa hin qabuu kan kee laphee na butaa