Iyyesuus kiristoos waaqayyodha jette
Yoseph Tena
May 9, 2025
F/taa Luba Buzalem Gimbaar
2391 Views
"
Tewahidoon wangelaan nu barsisa turte
Nutis dhuga baana eeeyyee Waaqayyoo dha
Barumsi tewaahidos kunoo kanadha
Dinni maaf gunguma sammudhan dhibame
Nuto kan lallabnu isa fannifame
Duubatti hin deebinu fulduratti malee
Waaqa bira hin qabnu Waaqayyoo si malee
Shakki shakkitootan waan tokko hin raafamnu
Tewaahidon dhugaadha tewaahido hin gadhifnu
Wangelaan ijaarame hundeef bu'urrisaa
Qilleensaa isa kamtu mana keenya raasaa
Waa’e qulqullotas maaf dubbachuu dhiisna
Jireenya isaanitin gooftaa ittin lallabna
Dhugaatu nuf galera duubatti hin deebinuu
Dhugaadhaf hojjenna namni hundumtuu haa baruu
Shakki shakkitootan waan tokko hin raafamnu
Tewaahidon dhugaadha tewaahido hin gadhifnu
Wangelaan ijaarame hundeef bu'urrisaa
Qilleensaa isa kamtu mana keenya raasaa
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu