Abbaan bara baraa arjaan yeroo maraa
Iyyeesuus maqaan kee guddaadha ulfinnii kee

Buddeen jireenya mannaarraa caaluu
Dorgommii hin qabdu kan sin madaaluu
Dhugaattin dhugaa burqaan hin badnee
Iyyeesuus sidha kan nutti amannee

Deebinee hin kufnuu sin dhaabaneerraa
Tasa hin bunnuu waltajjii keerraa
Maqaan kee gooftaa gachanna keenyaa
Sin arganeerraa nutto nageenyaa

Garbummaa keenya nurraa kaastettaa
Abbaa nuuf taate nu jaallateettaa
Gatii dhiigaa keen mucummaa argannee
Olmaa kee faarsuuf kunoo dhaabannee

Mo'ichaa jiraa fuldurraa keenya
Kakuun dhiigaa kee hundaaf jireenya
Jaalala hin badneen sin nu jaallate
Nu jiraachisuuf ofii kee dutee