Abbaan gatii malee
Web Master
Jun 5, 2026
F/taa Solomoon Dabalee
61 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
sabootasaaf ergee ilmasaa jaallatu
Tiksee hoolotaatii kan balbala banu
Afuura qulqulluun Kan nuti jiraannu
Afuura nuuf ergi yaa Abbaa jaalalaa
Icciitiis nutti himi jechoota wangeelaa
Addunyaa Kan hunda fedhii keen jaallatte
Saba Kee balleessin badii keenya laalte
Goota Goofa caalu kan qorichaaf oolu
Ilma Maariyaamii hoolicha garraamii x2
Nalleessaa keenyani ati fannifamte
Dheebuu keenya baaste ofii Kee dheebotte
Si duukaa buunerra fannoo kee baannee
Ati madoofteti kan nuti fayyine
Guyyaa shantamaffaatti afuurri kee ergamee
Afaan Pheexirosin kunoo lallabame
Dukaa bu'oonni kee maqaa keetiif jecha
Gidiraa baatanii du'aafi ajjeechaa
Isaayyaas lallabee gochaa gooligootaa
Ilma Maariyaamii daa’imni Ifraataa
Magaalaa Daawwititti dhalatee guddataa
Waaqa jiraan keessaa maaltuu saan qixxaataa?