Nan beeka iddoo koo kaleessaa
Yoseph Tena
May 7, 2025
660 Views
"
Bakka ati na fiddee dachee onaa kesssaa
Garaa kotti yaannee tasa yaadatamuu
Arraba koo keessaa galannii kee hin dhumuu
Hammattee nan quftuu ofiin na dawwattaa
Rakkinaa koo hundaaf sumatuu furmataa
Tarkanfi millaa koo madallii qaama koo
Situu naaf to'ataa ulfadhuu abbaa koo
Abdin koo siqofaa manaa koo galgalaa
Ofittii nawamtee nafiddee halalaa
Barruu kerraa nyaadheen qufeen si ebbisaa
Da'oo koo isa dhugaa mannii kee gaddisaa
Waa hundumaa dhiisee sirrattii of gateera
Hundee manaa kootis harkaa keerra jiraa
An yoomu callisuu oolmaa keefan malee
Garaa koo sin qufuu galaataf ilillee
Taa'ee yommuun ka'uu gochan kee nadhibaa
Arjummaan kee gooftaa cabaa koo dhidhibaa
Atis nan barsiifnee harkaa ormaa ilaalu
Hundaa madaleeraa homtinuu sin caaluu