Kottu Amaanu'eel kottu fayyisaakoo
Web Master
Feb 22, 2025
F/taa D/n Ashanaafii Fikaaduu
878 Views
"
Tolakee natti uffisi hanbisi salphina koo
Abbaa Dhiifamati... Amaanu'eel
Goofticha Arjaadha
Fuula kee kan guute
Yeroo hunda araaradha
Jaalal qabu caalaa
Abbaan mucaa-sati
Waaqni nu jaalata
Nun gatu alatti.....!
Fayyisaa koon jedha... Amaanu'eel
Fayye Du'a keeni
Madaankoo fayyeera
Madaaf du'a keeni
Utuun si'in miidhu
Ija koo ibsite
Rakkoo sana keessaa
Jaalalaan na baaste
Ati na wajjin jirta... Amaanu'eel
Eeyyee na wajjini
Narraa mo'ateera
Gaara dhiphina sani
Yaa'iilee gidduutti
Sin labse Afaan koo
Dhiiga kee qulqulluun
Waan bitteef lubbuukoo
Firii dubreedhati... Amaanu'eel
Kan mucaa xiqqitti...
Utubaa manakoo
Aarsaa lubbuu kooti
Hundeenkoo siidha
Na guddise harkikee
Anan na hin dhiistu
Waan ta’eef mucaakee