Tellaattin dhufee akka nan minee diinii koo
Ati na eggii na tiiksii gooftaa koo
Sumataan bo’aa gara keen ilaala bara jireenya koo
Sumataan bo’aa gara keen ilaala na qabii harkaa koo

Hojii koo isaa kamminaan dhufaa fuula kee
Yoo naa wajjiin ta’ee malee gooftaa dhiifamni kee
Fagoorraa dhabbattee waa’ee koo oddeessaa
Itti nan laattinii nan buusin harkaa isaa

Tarkaanfin miila koo akkam akka ta’ee
Ni caqasaa inni eessaa akkan ga’ee
Firrii nan dhowaattin maaloo kan amantii
Na yaadadhu gooftaa mootummaa keen ati

Ormii na gammadaa argee kufaatti koo
Ati garuu hin jaallattu lubbuudhan jooruu koo
Jireenya koo hundaa kenneerraa ano sitti
Sittan koluu galee boqonnaa kootti ati

Ulee dhabbataa koo humnaafi jabinnaa koo
Abbaa dadhaboota kiristoos gooftaa koo
Ati firaa kootti kallattii hundaannii
Utuuba jireenya sitti hirkadheerraa ani