Foonsaa muree dhiigaasaa lolassee
Fanniffamee du’ee kan naa fayyisee
Ilma Waaqayyootti Iyyeesuusidha
Ilma Maariyaamiitti Kiristoosidha

Gatti dhiigaan na bittatte kunoo
Kufaa ka’aa naaf battee fannoo
Dubbaadhe hin fiixuu an olmsaa
Waa’ee gooftaa kootti jaalalaa isaa

Hammaa du’aatti dhugaan naa jaallatte
Iddoo kan koo hedduu dhiphattee
Hadhaa’a liqimsee anaaf jechaa
Galanni baay’eedha kan tokkichaa

Dhiigni isaa akka bishaaniitti
Ni lola’ee qaraniyyoo irraatti
Na qulqulleesserraa cubbuu koorraa
Kan akka Iyyeesuus koo eessaa jiraa

Mootiidha inni mootii jaallatamee
Sabaa isaattif kan warreegamee
Addaa kophaattidha jaallisaa
Lapheen koo hin dagattuu gaarrumma isaa