Kana Caalaa Maal godhin sin jedha
Web Master
May 22, 2026
F/taa D/n Geetuu Qoraasaa
223 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Kanan olis ani maalan fedha
Afaan na qabachiisem ana
Yaadhe garamii eessa akka na fidde addana
Ani yaade gara kooti hin qabu karoori an baases kana miti
Siif jira kan nan jedhu eenyuree joora kootti aduun natti dhiite
Biiftuu galataa naaf baaste har'a eelaa na gadoche kuffiste
Waltajjii faaruu oolmaa keetitt wandavoo ulfina natti uffiste
Firooma keenya addan kutuudhaf seexanni jal’ina barreesse
Silayyu ano cubbamadha yooman qajeelummaakoo odeesse
Yoom gad sif darbee yaadni diina caalaa ayyaannikee naa bubbise
Barru keerra eessa na geessu danda’ee sito na guddise
Nama hin ta'u sichi deebi’e jedhanitu naaf raaju dega
Du'a koo iyyafatu malee eenyutu asitt na eega
Akka murti biyya lafaf fannoo naaf qopheessanim anaa
Abbaa dhugaa ta’uukee qofaf an yaabera farda ulfinaa
Ija koorrattan har'a arge ililchaa imimmaan lola’u
Yaadadhe ka'umsakoo sana garaankoo naa obsuu danda’u
Maal jedhetan garaa si ciibsa maalumatu sif ta'a gatii
Onnee koorratt galatakeen haalleluyaa oljedhi mootii