Jaalalli samiirraa harkisee si buusee
Ilmaan Addaam hunduu si gaddisiisee
Hidhaa cubbuurraatti dhiiga keen nu bitte
Dabarsitee of laatte ati nu fayyiste

Bitaafi mirgatti kan daddarbatamte
Isa kufe kaasuuf fannoo jiidhaa baatte
Foon namaa uffattee gidiraa fudhatte
Waanjoo du'aa jalaa ati nu baafatte

Eessarraa jalqabu oolmaa nuuf raawwatte
Maaliinis goolabu isa ati nuuf taate
Ka'umsaaf ga'umsaan katabamee hin dhumu
Gatii kee deebisuun tasa hin danda'amu

Mo'aa waan hundumaa osoo taatee jirtuu
Lubbuu namaa oolchuuf du'a kan filattu
Kakuun siin haarome ati wareegamtee
Dhiiga ofii uffattee ifa nutti uwwiste

Yakka nuti hojjeneen ati fannifamte
Fuula kee miidhaguun ancufa simatte
Garboomnee kan turre nu bilisoomsite
Ofii surraa dhabdee simboon nu gonfite